UN naannoo Tigraay waraanaan mancaate deebisee ijaaruufi

 Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) naannoo Tigraay waraanaa baatilee 20n manca'e deebisee ijaaruuf akka jiru mootummaan Itoophiyaa hime.

Waajjirri Tajaajilawwan Pirojaktii UN (UNOPS) misoomawwan bu'uura naannichaa waraanaan manca'an deebisee ijaara.

Ministirri Maallaqaa Itoophiyaa ibsa Kibxata baaseen waajjira UN kana waliin waliigaltee mallatteessuu ibse.

Waliigaltichi qaama sagantaa biyyaalessaa naannolee waraanaan miidhaman deebisanii ijaaruu akka ta'eefi deeggarsa maallaqaa Baankii Addunyaa irraa argameen kan raawwatamu ta'uus himeera.

Pirojektiiwwan misoomawwan bu'uuraa manca'an deebisanii ijaaruu kana waajjirri UN kun kan hojjetuuf mootummaan Itoophiyaa caasaa isaatiin hojii kana raawwachuu hanga dandaa'uutti jedha ibsichi.

Naannoon Tigraay irra caalaan to'annoo finciltoota Tigraay jala jira.

Misoomawwan bu'uuraa manca'an deebisanii ijaaruutti dabalataan, namoota haleellaa saal-qunnamtiin miidhaman dandamachiisuufis sagantaan kan jiru yoo ta'u, kana ammoo qaama sadaffaa biraatu raawwata jedhe ministeerri maallaqaa Itoophiyaa.

Kunis hanga haalli Tigraay keessa jiru fooyya'ee mootummaan ofii isaan hojiilee kana raawwachuu danda'uutti akka ta'e erameera.

Dubbi himaan TPLF Obbo Geetaachoo Raddaa dhimmicharratti yaada karaa marsaalee hawaasaa kennaniin, "mootummaan Tigraay" Baankii Addunyaa waliin hariiroo akka hin qabneefi dhimma UN naannicha deebisee ijaaruus akka quba hin qabne himan.

Baankiin Addunyaa Eebla darbe mootummaan Itoophiyaa fi TPLF dhukaasa dhaabuuf waliigaluu hordofee dhaabbata idil-addunyaa deeggarsa maallaqaa Itoophiyaaf kenne kan jalqabaati.

Erga Eebla darbeetii waraanni bakkeewwan hedduutti dhaabbatee mootummaan Itoophiyaas gargaarsi namoomaa akka Tigraay seenu hayyame.

Haata'u malee ammallee Tigraay keessa tajaajilawwan bu'uuraa akka komunikeeshinii, baankii fi elektiriisiitii hin deebine.

UN namootni kuma dhibba hedduun lakkaa'aman beelaaf saaxilamuu malu jechuun akeekkachiisaa ture.

Waraana baatilee 20f itti fufe karaa nagaa xumura akka argatu yaaliin godhamaa kan jiru yoo ta'u, mootummaan Itoophiyaa koree marii TPLF waliin godhamurratti bakka isa bu'u miseensota torba qabu ifa godhee ture.

Comments

Popular posts from this blog

Ajjeechaa Abbootii Gadaa karrayyuu irratti Qaamoleen Mootummaa ajaja Aanga'oota bilxiginnaa oromiyaatiin erga raawwatanii booda,bilxiginnaan oromiyaa Ajjeechaa Sana Shaneetu raawwate jechuu hordofee ajjeechicha Qaamni mootummaa raawwachuu kan Saaxilan Obbo Hangaasaan, Akkuma Ajjeechaa Abbootii Gadaa karrayyuu saaxile,Ajjeechaa Aartist Haacaaluu Hundeessaas saaxiluuf Qorannoo xumureera jedhaniiru

Humnoonni Faannoo fi hidhattoonni naannoo Amaaraa haleellaa bifa haaraan Oromoota Walloo irratti bananiin lubbuun namoota nagaa sagal darbuu fi namoonni 30n madaa’uu jiraattonni himan.