Humnoonni Faannoo fi hidhattoonni naannoo Amaaraa haleellaa bifa haaraan Oromoota Walloo irratti bananiin lubbuun namoota nagaa sagal darbuu fi namoonni 30n madaa’uu jiraattonni himan.

 Humnoonni Faannoo fi hidhattoonni naannoo Amaaraa haleellaa bifa haaraan Oromoota Walloo irratti bananiin lubbuun namoota nagaa sagal darbuu fi namoonni 30n madaa’uu jiraattonni himan.


Oromoon sagalee akka nuuf ta’u barbaannaa kan jedhan jiraattonni kunniin, tuttuqaan eenyummaa keenya sababeeffatee yeroo yeroon nurratti ta’u kun xumura akka argatu barbaannas jedhaniiru.


Waraana qinda’aa shororkeessitoonni Faannoo Wallootti bananiin, hanga ammaatti lubbuun namoota nagaa sagal darbuun namoonni 30 ta’aan madaa’uu Jiraattonni himan 


Shororkeessitoota Faannoo meeshaa ammayyaa hidhatanii duula nurratti labsantu godina Addaa Saba Oromoo aanaa Jiillee Dhummuugaatti lola uummata nagaa irratti banee jedhan.


Lolichi Adoolessa 10 bara 2022 jechuunis dheengadda akka eegale kan himan maddeen, ka’umsi lola kanaas Dilbata Waaree booda akka ture yaadachiisu.


Waggoota sadan darbaniif lolli walitti fufaan darbee darbee haalaafi akkaataa jijjiirrachuun Faannoofi miliishaa Amaaraatiin Oromoota Walloo irratti banamaa akka ture himu.


Lola kanaan dura haalaafi yeroo eeggatee isaanirratti banamaa ture hunda, qonnaan bultoonni Walloo qolachaa turuun humna shororkeessitoota Faannoo kana waan dallansiiseef, yeroo yeroon nutti deddeebi’uu hin dhiisne jedhu.


Lola walitti fufaa kanatti xumura gochuuf, gareen jaarsolii biyyaafi bulchiinsa mootummaarraa ijaaraman adeemsa araaraa eegalanii akka turaniifi, Wiixata kaleessaa kanas beellamni Araaraa Shawaa Roobititti qabamee akka ture quba qabaachuu hima maddi kun.


Gurmuun shororkeessitoota Faannoofi miliishaa Amaaraa kunis beellama araaraa kana cabsuun, galgala gaafa Dilbataa aanaa Jillee Dhummuugaa ganda Baxxee jedhamu keessatti haleellaa raawwachuun looniifi qabeenya qonnaan bultootaa saamani jedhu.


Qonnaan bultoonni ganda Baxxees halkan sana haleellaa isaanitti baname ofirraa qolachuuf lola eegalanis, mootummaan battala gidduu seenuun dhimmicha tasgabbeessuuf yaalaa ture jedhu jiraattonni.


Humnoonni Faannoo qabeenyaa saaman ni deebisu jedhamuun tasgabbiin akka bu’u taasifamus, Wiixata ganama humnoonni kun humna haaraafi meeshaa gurguddaatiin konkolaataa poolisii Humna addaa Amaaraa birgeediin Minilik jedhamu aanicha keessa buufachuun lola guddaa akka banantu dhaga’ame


Godina addaa saba oromoo walloo

Humni shororkeessaa Faannoo jedhamu kun, alaabaa lummuxxii qabachuun manneen jiraattotaa gubaa, namoota nagaa ajjeesuu yoo itti fufu, qonnaan bultoonni Oromoo aanaa Sanbateefi gandoota biroorraa birmannaa taasisuun ofirraa qolachuuf tattaaffii taasisuu dhageenye. 


Lola guyyaa tokkoof adeemeenis, qonnaan bultoonni Oromoo shororkeessitoota loojistikii guutuun deeggaramanii dhufan kana qolachuun, daangaa aanicha keessaa guutummaan guututti baasuu danda’aniiru jedhan.


Qonnaan bultoonni Oromoo ofirraa qolachuu danda’anis, gamasaaniitiin namni sagal lubbuun darbuufi kanneen mada’aanis jiraachuu himatu.


Namoonni yeroo ammaa kana Hospitaala seenanii jiran gargaarsa akka barbaadan kan himan maddeen keenya, Oromoon Oromiyaafi biyyoota alaa jiran sagalee akka ta’aniif dhaammatanii, bulchiinsi Godinichaa ambulaansiifi tajaajila wadhaansa fayyaatiin nu bira dhaabbachuusaaf ni galateeffanna jedhaniiru.


Lolli qinda’aan kun qonnaan bultoota nagaafi humna Faannoo gidduutti adeemaa jira kan jedhan maddeen, qaamoleen fira fakkaatanii uummata nagaa Walloorratti olola sobaa oofanis akka nurraa dhaabbatan gaafannaa jedhu.

Comments

Popular posts from this blog

UN naannoo Tigraay waraanaan mancaate deebisee ijaaruufi

Ajjeechaa Abbootii Gadaa karrayyuu irratti Qaamoleen Mootummaa ajaja Aanga'oota bilxiginnaa oromiyaatiin erga raawwatanii booda,bilxiginnaan oromiyaa Ajjeechaa Sana Shaneetu raawwate jechuu hordofee ajjeechicha Qaamni mootummaa raawwachuu kan Saaxilan Obbo Hangaasaan, Akkuma Ajjeechaa Abbootii Gadaa karrayyuu saaxile,Ajjeechaa Aartist Haacaaluu Hundeessaas saaxiluuf Qorannoo xumureera jedhaniiru