Posts

Showing posts from July, 2022

'As keessa' moo 'kheessa' - Afaan Oromoof qubeen dachaa dabalataa ni barbaachisaa?

Image
'As keessa' moo 'kheessa' - Afaan Oromoof qubeen dachaa dabalataa ni barbaachisaa? MADDA SUURAA, GETTY IMAGES Odeessi  'khun'  waa'ee Afaan Oromooti -  kheessattuu  waa'ee qubee dachaa haarayaati jedhamtu  'kh' . Maal jechuu keessan? Qubeen Afaan Oromoo amma dura nu beeknu jaha yookaan torba qofa, isa kana garuu takkaa hinagarre jechuu maltan. Dhuguma. Nutillee dhiyeenya  khana  agarre. Keessattuu kitaabota dhiyeenya kana kibba Oromiyaa Godina Booranaa keessatti maxxanfaman kanneen akka 'Khulleessa', 'Qunceen Mukhoo Mukhaa', 'Abbaa Liiban: Mammaassa Oromoo Booranaa' fi  khaan  keessatti qubeen dachaa  khun  hojiirra ooleera. Afaan Oromoo keessatti qubeen dachaa dabalataa ni barbaachisaa? Wanti irraa hir'atu hoo jiraachuu malaa? Yoo tahes, adeemsi isaa akkam tahuu qaba? Barreessaa fi qorataan etinoogiraafii Afandii Mutaqqii namoota qubeen dachaa   'kh'  Afaanicha keessatti ni barbaachisa jedhan keeysaati. Afandi

UN naannoo Tigraay waraanaan mancaate deebisee ijaaruufi

Image
  Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) naannoo Tigraay waraanaa baatilee 20n manca'e deebisee ijaaruuf akka jiru mootummaan Itoophiyaa hime . Waajjirri Tajaajilawwan Pirojaktii UN (UNOPS) misoomawwan bu'uura naannichaa waraanaan manca'an deebisee ijaara. Ministirri Maallaqaa Itoophiyaa ibsa Kibxata baaseen waajjira UN kana waliin waliigaltee mallatteessuu ibse. Waliigaltichi qaama sagantaa biyyaalessaa naannolee waraanaan miidhaman deebisanii ijaaruu akka ta'eefi deeggarsa maallaqaa Baankii Addunyaa irraa argameen kan raawwatamu ta'uus himeera. Pirojektiiwwan misoomawwan bu'uuraa manca'an deebisanii ijaaruu kana waajjirri UN kun kan hojjetuuf mootummaan Itoophiyaa caasaa isaatiin hojii kana raawwachuu hanga dandaa'uutti jedha ibsichi. Naannoon Tigraay irra caalaan to'annoo finciltoota Tigraay jala jira. Misoomawwan bu'uuraa manca'an deebisanii ijaaruutti dabalataan, namoota haleellaa saal-qunnamtiin miidhaman dandamachiisuufis sagantaan kan j

Humnoonni Faannoo fi hidhattoonni naannoo Amaaraa haleellaa bifa haaraan Oromoota Walloo irratti bananiin lubbuun namoota nagaa sagal darbuu fi namoonni 30n madaa’uu jiraattonni himan.

Image
 Humnoonni Faannoo fi hidhattoonni naannoo Amaaraa haleellaa bifa haaraan Oromoota Walloo irratti bananiin lubbuun namoota nagaa sagal darbuu fi namoonni 30n madaa’uu jiraattonni himan. Oromoon sagalee akka nuuf ta’u barbaannaa kan jedhan jiraattonni kunniin, tuttuqaan eenyummaa keenya sababeeffatee yeroo yeroon nurratti ta’u kun xumura akka argatu barbaannas jedhaniiru. Waraana qinda’aa shororkeessitoonni Faannoo Wallootti bananiin, hanga ammaatti lubbuun namoota nagaa sagal darbuun namoonni 30 ta’aan madaa’uu Jiraattonni himan  Shororkeessitoota Faannoo meeshaa ammayyaa hidhatanii duula nurratti labsantu godina Addaa Saba Oromoo aanaa Jiillee Dhummuugaatti lola uummata nagaa irratti banee jedhan. Lolichi Adoolessa 10 bara 2022 jechuunis dheengadda akka eegale kan himan maddeen, ka’umsi lola kanaas Dilbata Waaree booda akka ture yaadachiisu. Waggoota sadan darbaniif lolli walitti fufaan darbee darbee haalaafi akkaataa jijjiirrachuun Faannoofi miliishaa Amaaraatiin Oromoota Walloo irra

Ajjeechaa Abbootii Gadaa karrayyuu irratti Qaamoleen Mootummaa ajaja Aanga'oota bilxiginnaa oromiyaatiin erga raawwatanii booda,bilxiginnaan oromiyaa Ajjeechaa Sana Shaneetu raawwate jechuu hordofee ajjeechicha Qaamni mootummaa raawwachuu kan Saaxilan Obbo Hangaasaan, Akkuma Ajjeechaa Abbootii Gadaa karrayyuu saaxile,Ajjeechaa Aartist Haacaaluu Hundeessaas saaxiluuf Qorannoo xumureera jedhaniiru

Image
  O bbo Hangaasaa Ibraahim Dhugaa Aartist Haacaaluu Hundeessaa baasanii dubbachuu qabu Miseensi mana marii bakka bu'oota Ummataa Obbo Hangaasaa Ibraahim dhugaa Ajjeechaa Aartist Haacaaluu Hundeessaa baasanii Dubbachuu Qaban jedhame Miseensa mana marii bakka bu'oota Ummataa fi bilxiginnaa kan ta'an Obbo Hangaasaa Ibraahim haasawa guyyaa dheengaddaa karaa fuula facebook isaaniitiin taasisaniin dhimmoota akka ijootti kaasan keessaa tokko dhimma Ajjeechaa Aartistii Gooticha Oromoo Haacaaluu Hundeessaati. Aartistiin Oromoo Qaaliin Haacaaluu Hundeessaa Shira diinaatiin Magaalaa Finfinneetti Ajjeefamee,dhugaan isaas osoo hin bahin yaadannoon wareegama isaa Waggaa 2ffaan torban darbe keessa iddoo oromoonni jiran hundatti haala hoo'aa ta'een yaadatameera. Ajjeechaa kanaaf hanga ammaatti qaamni itti gaafatames ta'ee Qorannoon Walabaa gaggeeffame hin jiru. Haa ta'uu malee Mootummaan Namoota Ajjeechaa Kana raawwatan jedhe irratti Adabbii hidhaa muruu beeksiseera.  Mootu