Ajjeechaa Abbootii Gadaa karrayyuu irratti Qaamoleen Mootummaa ajaja Aanga'oota bilxiginnaa oromiyaatiin erga raawwatanii booda,bilxiginnaan oromiyaa Ajjeechaa Sana Shaneetu raawwate jechuu hordofee ajjeechicha Qaamni mootummaa raawwachuu kan Saaxilan Obbo Hangaasaan, Akkuma Ajjeechaa Abbootii Gadaa karrayyuu saaxile,Ajjeechaa Aartist Haacaaluu Hundeessaas saaxiluuf Qorannoo xumureera jedhaniiru

 Obbo Hangaasaa Ibraahim Dhugaa Aartist Haacaaluu Hundeessaa baasanii dubbachuu qabu


Miseensi mana marii bakka bu'oota Ummataa Obbo Hangaasaa Ibraahim dhugaa Ajjeechaa Aartist Haacaaluu Hundeessaa baasanii Dubbachuu Qaban jedhame
Miseensa mana marii bakka bu'oota Ummataa fi bilxiginnaa kan ta'an Obbo Hangaasaa Ibraahim haasawa guyyaa dheengaddaa karaa fuula facebook isaaniitiin taasisaniin dhimmoota akka ijootti kaasan keessaa tokko dhimma Ajjeechaa Aartistii Gooticha Oromoo Haacaaluu Hundeessaati.


Aartistiin Oromoo Qaaliin Haacaaluu Hundeessaa Shira diinaatiin Magaalaa Finfinneetti Ajjeefamee,dhugaan isaas osoo hin bahin yaadannoon wareegama isaa Waggaa 2ffaan torban darbe keessa iddoo oromoonni jiran hundatti haala hoo'aa ta'een yaadatameera.
Ajjeechaa kanaaf hanga ammaatti qaamni itti gaafatames ta'ee Qorannoon Walabaa gaggeeffame hin jiru.


Haa ta'uu malee Mootummaan Namoota Ajjeechaa Kana raawwatan jedhe irratti Adabbii hidhaa muruu beeksiseera. 
Mootummaan Ajjeechaa Aartistii kanaatiif Namoonni inni Itti gaafatamoo taasise warroota ajjeechaa kana keessaa qooda hin qabne ta'uu kan himan Maatiin Haacaaluu immoo kun diraamaa ittiin Dhugaa isaa dhoksuuf hojjatameedha jechuun komatu. 


Ajjeechaa Aartist Haacaaluu booda Jawaar Muhaammad harka keessa qaba jechuun Mootummaan Itoophiyaa hidhee kan ture yoo ta'u,booda irra Jawaar turtii Waggaa 1 olii booda hidhaa irraa hiikkamuun isaa ni yaadatama. 


Obbo Hangaasaan Eegduu isaanii kan ture irraa kaasanii akka ajjeesan kaasanii,ajjeechaa eegduu kanaas akkuma, Jawaartu Aartist Haacaaluu ajjeese jedhanii diraamaa hojjataa turan kana irrattis diraamaa hojjataa jiru jechuun,dhugaa Ajjeechaa Aartistii kanaa awwaaluuf Jawaar irratti shirri xaxamuu dubbataniiru.


Ajjeechaa Abbootii Gadaa karrayyuu irratti Qaamoleen Mootummaa ajaja Aanga'oota bilxiginnaa oromiyaatiin erga raawwatanii booda,bilxiginnaan oromiyaa Ajjeechaa Sana Shaneetu raawwate jechuu hordofee ajjeechicha Qaamni mootummaa raawwachuu kan Saaxilan Obbo Hangaasaan, Akkuma Ajjeechaa Abbootii Gadaa karrayyuu saaxile,Ajjeechaa Aartist Haacaaluu Hundeessaas saaxiluuf Qorannoo xumureera jedhaniiru.



Oromoon Goota isaa Awwaalatee dukkaana dhaabbatee booyee biraa galuu malee Dhugaa Goota isaa hin baafatu  kan jedhan Miseensi mana marii bakka bu'oota Ummataa kun, dhugaa Ajjeechaa Aartsit Haacaaluu Hundeessaa irratti raawwatames Qorannoo xumureera isiniif ibsa jechuun Ummata Oromootiif Waadaa galaniiru.
Haa ta'uu malee Obbo Hangaasaan Qorannoo xumure jedhan kana Dhugaa jirtu Ummataaf osoo hin ibsin hafuun Namoota heddutti Gaaffii Uumeera. 
Dhimma kana irratti namoonni yaada kennan akka jedhanitti Dhugaa Aartist Haacaaluu Hundeessaa qorannoo xumureera jedhanii osoo hin ibsin hafuu hin qaban,kanaafuu haasawa dheengaddan taasisan irratti dagataniis ta'u,fuulduraaf dhugaa kana Ummata oromoof himuu qabu jechuun cimsanii gaafataniiru. 
Ummanni Oromoo Aartistii Qaalii eenyuuyyuu ol Jaalatu dhabee,Dhugaa isaas dhabee yaaddoo keessa jiraachuu kan Kaasan Namoonni yaada kennan kunneen,Obbo Hangaasaan dhugaa kana erga beekanii Ummataaf ibsanii, Ummanni Dhugaa kana akka barbaadachuu qabu  gaafataniiru.
Kanaaf immoo dhugaa jirtu Obbo Hangaasaan bahee Ummataaf akka ibsuu qabu Ummanni dhiibbaa Irratti taasisuu qabas jedhaniiru.

Comments

Popular posts from this blog

UN naannoo Tigraay waraanaan mancaate deebisee ijaaruufi

Humnoonni Faannoo fi hidhattoonni naannoo Amaaraa haleellaa bifa haaraan Oromoota Walloo irratti bananiin lubbuun namoota nagaa sagal darbuu fi namoonni 30n madaa’uu jiraattonni himan.